Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti biqiltuu miiliyoon 4 ol dhaabuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2015 (FBC)-Magalaa Jimmaatti biqiltuu miiliyoon 4 ol dhaabuuf hojjatamaa jiraachuun ibsame.

Magaalichatti bara kana biqiltuu miiliyoona 4fi kuma 349 dhaabuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaatti biqiltuuwwan miiliyoona 1.5 dhaabamuun himameera.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaan magaalattii magariisaa fi hawwattuu taasisuuf waggoottan darban xiyyeeffannaan hojjatamaa turuu himaniiru.

Kanaanis, jijjiramni qabatamaan dhufuu eeranii biqiloota bara kana dhaabamaniif kunuunsi akka taasifamu dubbataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.