Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti barattoota harka qalleeyyiif deeggarsii Birrii miiliyoona 4’tti tilmaamaman taasifame

Finfinnee, Hagayya 7, 2015(FBC)- Godina Jimmaatti barattoota harka qalleeyyiif deeggarsii meeshaalee barnootaa Birrii miiliyoona 4’tti tilmaamamuu taasifame.

Deegarsichis Waajira Eegumsa Fayyaan kan taasifame yoo ta’u, barattoota harka qalleeyyii Aanaa Saqqaa Coqorsaa deeggarsaa laatamaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godinichaa Obbo Fu’aad Saabiit deeggarsa barattootaaf taasifameen dabalatattii, waajirichi harka qaleeyyiif manneen jireenyaa ijaaraa jiraachuu dubbataniiru.

Kana males, Yuunivarsitii Jimmaa waliin ta’uun tajaajilli wal’aansa bilisaa borurraa eegalee akka kennamu Obbo Fu’aad himaniiru.

Ittaanaan Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Yaasuuf Shaaroon gama isaaniitiin, aanaalee godinichaa hunda keessatti bara kana hojiiwwan tola ooltummaa Birrii biiliyoona 17.5’tti siquu raawwchuuf karoofamee hojjetamaa jiruun, hanga ammaatti hojiileen tola oltummaan Birrii biiliyoona 7.5 raawwatamuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.