Fana: At a Speed of Life!

Jilli Seera baastotaafi gorsitoota mootummaa Naayijeeriyaa Oromiyaatti hojii misooma qonnaa daawwachaa jira

Finfinnee, Hagayya 2, 2014(FBC)- Jilli Seera baastotaafi gorsitoota mootummaa Naayijeeriyaa, Godina Shawa Bahaatti hojiilee misooma qonnaa garaagaraa daawwachaa jira.

Mootummaan qonna lafee dugdaa diinagdee biyyatti ta’e ammayyeessun jiruufi jireenya hawaasaa biyyattii jijjiiruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Sadarkaa Ittaanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Horataalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Dooktar Girmaa Amanteen jilichaaf daawwanichaarratti ibsaniiru.

Jilichi Aanaa Lumee ganda Sharraa Dibaandibaatti, Avookaadoo kilaastaraan misoomaa jiru daawwateera.

Sagantaa daawwanna kanarratti hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquu dabalate aanga’oonni biroo argamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.