Fana: At a Speed of Life!

Jilli Qondaaltota olaanoo Federaalaatiin durfamu hojiilee misoomaa Naannoo Hararii daawwate

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Jilli Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti waamamaa mootummaa Obbo Tasfaayee Beeljigeen durfamu Naannoo Hararii hojiilee misoomaa jallisii dawwataniru.
 
Daawwannicharratti Obbo Tasfaayee Beeljigee dabaltee Waajjira Ministira Muummee Ministira Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimookiraasii Ambaasaaddar Hasan Abdulqaadirii fi hoggantoonni olaanoo biroon argamaniiru.
 
Obbo Tasfaayee Baljigeen, hojiileen misooma jallisii qonnaan bultootaan hojjetamaa jiran kan jajjabeeffamuu fi abdii namaatti horuu tahuu ibsuun, hojiileen kunneen qaala’iinsaa jireenyaa tasgabbeessuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.
Daayirikteera Ekisteeshini Qonnaa Biiroo Qonnaa Naannoo Hararii Obbo Mahaammad Reedwaan Aanaa Eraritti jallisiin kuduraa fi muduraan omishaamaa jiraachuu eeruun qonnaan bultootaafis walitti hihamiinsaa gabaa mijaa’uufii ibsaniiru.
Tuujii Abdiitu gabaase.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.