Jilli Preezidaant Shimallis Abdiisaan durfamu, projektoota godiinaalee Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba Lixaa keessatti hojjetamaa jiran daawwate
Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Jilli Preezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu, projektoota garaagaraa godiinaalee Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba Lixaa keessatti hojjetamaa jiran daawwate.
Projektoonni Daandii Asfaaltii Gudar-Amboo fi Daandii Magaalaa Amboo keessa keessaa daawwatamaniiru.
Jillichi Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa fi Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaa waliin ta’uun projektiiwwan kanneen daawwataniiru.
Projektiin daandii Magaalaa Gudar- Amboo dheerina kiilomeetira 19 qabu bara 2013 dhagaan bu’uuraa kaa’amuun hojiin ijaarsasaa eegalamuu ibsameera.
Baajata Birri biiliyoona 1 fi miiliyoona 38’n ijaaruuf kan karoorfame yoo ta’u ijaarsisaa yeroo ammaa % 20 irra gaheera.
Projektoonni gurguddoon Gudar-Amboo hoggantootaa fi qaamolee qindoominaan hojjetaniin daawwatamuun projekticha saffisiisuuf gahee olaanaa qabaachuu Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaatti, Ittaanaan Hojii Raawwachiisaa fi Hoogganaan Damee Ijaarsa Bu’uuraalee Geejjibaa Injinaar Ashannaafii Dhaabaa ibsaniiru.
Prezidaant Shimallis sadarkaa projektoonni kunneen irra jiran daawwachuun, hojii raawwachiistootaaf kallattii fuula duraa kennuu isaanii OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.