Jilli Preezdaant Shimallisiin durfamu aanaa Dodolaatti Intarpiraayzii sanyii filatamaa Oromiyaa Misooma Qonna Seerooftaa daawwate
Finfinnee , Fulbaana, 29, 2014 (FBC)- Jilli Preezdaant Shimallis Abdiisaan durfamu garee Maaykiroo diinagdee waliin Godina Arsii lixaa Aanaa Dodolaatti Intarpiraayzii sanyii filatamaa Oromiyaa Misooma Qonna Seerooftaa daawwateera.
Misoomni Qonna seerooftaa Bara 1970 Bulchiinsa dargiin kan hundaa’ee, waggootan shanan darbaniif osoo hin misoomiin kan haafee fi yeroo ammaan kana lafa heektaara 2800 irratti qamadiin kan uwwifameefi kanneen keessaas laftii heektaarri 2501 ol kilaastaraan misoomaa jiraachuu Itti aanaan hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya uumamaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu himaniiru.
Waggootan shaniif osoo hin misoomiin haafee Goofar, Shallow fi Seerooftaan yeroo ammaan kana oomisha qamadii fi garbuu dabalatee, gosootni midhaan 9 irratti omishamaa jiraachuu Obbo Geetuu himaniru.
Oomisha qamadii yeroo ammaan kana omishamaa jiruun,laficha irratti waggaatti yeroo sadii mala jallisiin yoo hojjetamee fedhii dhiyeessii qamadii akka biyyaatti jiru guutuummaan guutuutti kan furu ta’uu himaniiru.
Yeroo ammaan kana tiraaktaroonni 85 biyya alaa galaa kan jiranii fi 15 ammoo galanii hojii eegaluu Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastara Misooma Baadiyyaa Oromiyaa duraanii Dooktar Girmaa Amanteen himaniiru.
Jamiilaa Jamaali fi Addiis Mulunahtu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.