Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezdaant Shimallisii fi Dooktar Abrahaam Balaayiin durfamu Proojektii Wancii Dandii daawwate

Finfinnee,Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Jilli Preezdaantii Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaayiin durfamu Proojektii Wancii Dandii daawwateera.
Daawwannichaan Proojektiin Wancii Dandii akkaataa gabatee yeroo kaa’ameefiin raawwachaa jiraachuu hubatameera jedhame.
Proojektichi sababoota garaagaraan harkifachaa turuu fi yeroo ammaa humna guutuun gara hojiitti galamuu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Baiyyaa Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.
Waqtiin gannaa osoo hin seenuun hojiileen hojjetamuu qaban raawwatamaa jiraachuu eeruun, proojektichi yeroo ammaa % 80 irra ga’uu ibsaniiru.
Hojiileen Dandii, Elektirikaa, Teeleekoomii fi Loojiiwan lama mootummaan kan raawwatamaan yoo ta’u,kanneen hafan damee dhuunfaan kan hojjetaman ta’uu himaniiru.
Naannichatti yeroo ammaa nagaan bu’uu Preezdaantiin Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.
Mootummaan naannichaa dhaabbata misoomaa Birrii biiliyoona 4 hundeessuun iddoolee garaagaraatti hojiilee misoomaa hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.
Proojektiin Wancii Dandii dhaabbata misoomaa kanaan Birrii miiliyoona dhibba 5 oliin hojjetamaa jiraachuu kaasaaniiru.
Daawwannaa kanarratti Dooktar Abrahaam Balaay, Preezdaant Shimallisii fi sadarkaa itti aanaa Preezdaantiittii qindeessaa Kilaastera Horataalee mootummaa naannichaa Dooktar Girmaa Amantee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon federaalaa fi naannolee argamuu ibsameera.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.