Fana: At a Speed of Life!

Jilli preezdaant Shimallis Abdisaan durfamuu ganda Burraa Alaltuu fi Caffee Kuullootti qamadii  jallisiin misooma jiru daawwate

Finfinnee, Muddee 17, 2013 (FBC)- Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdisaan durfamuu Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Aanaa Barraak ganda Burraa Alaltuufi Caffee Kuullootti qamadii jallisiitiin qonnaan bultootaan misoomaa jiru daawwateera.

Qonnaan Bbultoonni gandoota Burraa Alaltuu fi Caffee Kuulloos Preezeaantii Shimallis Abdiisaaf aantummaa qaban muldhisuuf Bullukkoo,Fardaa, Gaachanaa fi eeboo badhaasaniiru.

Dabalataanis Jilichi godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Barraak hirmaannaa uummataa sadarkaa garagaraatiin ijaarramaa jirus daawwateera.

Mannen barnootaa kunneen batii Amajjii dhufuu xumuramanii barattoota 3,600 tajaajila akka ni laatusa jedhameera

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.