Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezdaant Shimallis Abdiisaan durfamuu sassaabbii oomisha qamadii aanaa Saqqaa daawwate

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC)- Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu sassaabbii  oomisha qamadii aanaa Saqqaa daawwateera.

Jilichi aanaa Saqqaatti oomishaa qamadii lafa hektaara 116 irratti oomishame sassaabamee daawwateera.

Bara kana jallisii marsaa 1ffaan akka naannootti lafa hektaara kuma 100 fi kuma 60 irratti qamadiin oomishame sassaabamaa jiraachuu ibsameera.

Jallisi marsaa 2ffaadhaatin ammoo lafti hektaarri kumni 200 fi kumni 20 qophaa’ee facaafamaa jiraachuu ibsameera.

Baatiwwan lamaa fi walakkaa kana keessatti mootummaa federaalaaf qamadii kuntaala miiliyoona 3 gurgurtaaf dhiyeessaa jiraachuu preezdaanti Shimallis himaniiru.

Qamadii biyya alaa irraa bittaan galu guutummaa guutuutti hambisuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Akka godina Jimmaatti bara kana lafa hektaara kuma 30 fi 50 irratti qonna jallisii boneen qamadiin oomishamuu ibsameera.

Oomisha kanarras qamadiin kuntaalli miiliyoonni 1.2 ni argaamaan eegama.

Bizu’aaleem Beenyaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.