Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezdaant Shimallis Abdiisaan durfamu naannoo Oromiyaatti Fooramii fi egzibiishii albuuda jalqabsiise

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC)- Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaan obbo Shimallis Abdiisaan durfamu naannoo Oromiyaatti Fooramii fi egzibiishii albuuda jalqabsiiseera.

Sagantichaarratti Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan, Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa fi qaamolee biroon argamaniiru.

Injiinar Taakkalaan fuula miidiya hawaasa isaaniin akka ibsaniitti, Oromiyaan gombisaa guuboo kuufama albuudaati jedhan.

Albuudota kanneen gama hundaan itti fayyadamnee jireenya hawaasa keenyaa fi diinagdee biyya keenyaa jijjiiruu qabna jedhaniiru.

Egzibiizhinichi abdii nuti gama albuudaan qabnu bal’aa ta’uu isaa kan agarsiisuudha jedhan.

Nutis ifaajee keenyaan abdichi hojiidhaan akka dhugoomu ni taasifna jechuun ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.