Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezdaant Shimallis Abdiisaan durfamu ijaarsa Waajjira Muummee Mana Murtii Waliigala Oromiyaa daawwate

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Jilli Preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu ijaarsa Waajjira Muummee Mana Murtii Waliigala Oromiyaa daawwateera.

Daawwannichaarratti  Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Preezdaantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Obbo Gazaalii A/Simal, Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa, Aadde Sa’aadaa Abdurhamaan dabalatee, hooggantoonni qaamolee Mootummaa adda addaa argamaniiru.

Ijaarsi gamoo kanaa haala gaariin deemaa  jira jedhameera.

Yeroo ammaa darbiin 9ffaan xumuramee 10ffaan jalqabaa kan jiru ta’uun OBN gabaaseera.

Jilichi dabalataniis gamoowwan baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin magaalaa Finfinnee keessaatti ijaaramaa jiru projektii Miidiyaa kompileeksii OBN fi Giddugaloota Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa daawwateera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.