Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezdaant Shimallis Abdiisaan durfamu giddugala qorannoo qonnaa Adaamii Tulluu daawwate

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC)- Jilli preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu godiina Shawaa Bahaatti giddugala qorannoo qonnaa Adaamii Tulluu daawwateera.

Jilichi giddugalichatti kutaa laabraatoorii Baayooteeknooloojii daawwateera.

Giddugalichi akka naannoo Oromiyaatti bakkichaa qofaatti akka argamu ibsameera.

Kutaa laabraatoorii kanatti gosoonni Bunaa 4, gosoota Muzii 3, Mosee, Anaanaasii fi Mixaaxiis qorannoon akka gaggeeffamuu qorataan kutaa laabraatooriichaa obbo Magarsaa Gammachuun ibsaniiru.

Itti aansuudhaan giddugaleessa qorannoo qonnaa Adaamii Tulluutti proojektii jallisii sagantaa guddina qonnaan deeggarame eebbisiseera.
Proojektiin kun baasii Birrii miiliyoona 28.67n kan hojjatamee yoo ta’u, lafa heektaara 57 akka uwwisu daayreektarri giddugala qorannoo qonnaa Adaamii Tulluu obbo Yaasiin Ismaa’een dubbataniiru.

Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa haasaa taasisaniin wantii giddugalawwan harra daawwataman kana keessatti hojjetaman hedduu kan nama boonsuudha jedhaniiru.

Kaayyoo mootummaan qabatee jiru qonnaan bultootaa jijjiiruu fi badhaadhina milkeessuufi jedhaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaas hanqinaalee jiran furuuf kutannoodhaan akka hojjetuus himaniru.

Hojiileen kun bakka hundatti babbalachuu akka qabuu fi akkuma kana duraa ciminaan hojjechuun barbaachisaa akka ta’es ibsaniiru.

Daagimaawwi Deeksisaatu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.