Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezdaant Musxafeen durfamu daandiiwwan aspaaltii magaalaa Jigjigaa keessaatti hojjetamaa jiran daawwatan

Finfinnee, Muddee 30, 2014 (FBC)- Jilli Preezdaantii Mootummaa naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammadiin durfamu daandiiwwan aspaaltii magaalaa Jigjigaa keessaatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Daawwannichaan preezdaanticha dabalate hoggantoonni olaanoo naannichaa magaalichatti hojjetamaa kan jiran daandii fi hojiiwwan magaalicha miidhaksuuf hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Obbo Musxafeenis daawwannichaan daandii walakkaa biqiltuu dhaabuun, magaalichatti daandii gubba biqiltuuwwan kumni 5 ol dhaabbachuu ragaan miidiyaa naannoo Somaaleerra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.