Fana: At a Speed of Life!

Jilli Piroofeesar Birhaanuun durfamu naannoo Gaambeellaatti manneen barnootaa daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan durfamu naannoo Gaambeellaatti manneen barnootaa daawwateera.

Daa’immaan keenyaaf barnoota fooyya’aa kennuu yoo hindandeenye akka hawaasatti kisaaraa guddaa keessummeessina jedhan Piroofeesar Birhaanuun daawwannicharratti.

Jilichi Magaalaa Gaambeellaatti Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Illeey daawwateera.

Daawwannichaan boodaan bulchiinsa Barnootaa, barsiisootaa fi barattoota waliin adeemsa baruu fi barsiisurratti mari’ataniiru.

Waggoottaan lamaan darban barattoota qormaata kutaa 12ffaa qoraman keessaa qabxii darbiinsaa kan galmeessan muraasa ta’uu eerameera.

Ba’uu argameef kan itti gaafatamu mootummaa, hojjettoota bulchiinsa barnootaa, barsiisootaa fi qooda fudhattoota ta’uu ibsamuu raga Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.