Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pirezedaanti Shimallisiin durfamu hojiilee misoomaa Godina Booranaa daawwaate

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu hojiilee misoomaa fi haala hongee Godina Booranaa daawwateera.

Daawwannicharratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ajajaa Olaanaa Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa fi naannolee argamuu ibsameera.

Jilichi hojiilee bifa waaraa ta’een rakkoo hongeen walqabatee muudatu maqsuuf hojjetamaa jiranii fi bu’uuraalee misoomaa daawwachuun uummatas dubbiseera.

Hojiilee misoomaa buufata xiyyaaraafi giddugala fooyyessa sanyii loon Booranaa Diida Xuyyuuraatti hojii dandamachiisa hongee hojjatamaa jirus daawwachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godina Booranaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.