Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pireezidaantii Somaaliilaandi Musee Bihii Abdiin durfamu Jigjigaa gale

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Somaaliilaandi Musee Bihii Abdiin durfamu Jigjigaa galeera.

Jilichi wayita Buufata xiyyaaraa idil addunyaa Garaad Wiilwaal ga’u Pireezidaantii Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad dabalatee hoggantoota mootummaa naannichaa biroon simannaan taasiifameefira.

Dhimmoota Daldalaa, haala Nageenyaa naannawaa daangaa fi dhimmoota waloo biroorratti ni mari’atuun eegama.

Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi fedhii karra galaanaa Itiyoophiyaa dgugoomsuuf, filannoo karra galaanaa babal’isuuf, dhimmoota siyaasaa, dippiloomaasii, nageenyaa fi tumsa diinagdee cimsuuf waliigaltee mallalleessuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.