Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pireezidaanti Shimallisiin durfamu Shawaa Kibba Lixaatti misooma qonnaa daawwachaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2016 (FBC)- Jilli Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Shawaa Kibbaa Lixaatti hojiilee misooma qonnaa daawwachaa jira.

Haaluma kanaan Aanaa Sabbaataa Hawaasii fi Aanaa Ejereetti misooma qamadii jallisii eegalchiisaniiru.

Naannoo Oromiyaatti misooma qamadii bonaan lafti hektaarri miiliyoona 2.6 qamadii bonaan misoomsuuf kan karoorfame yoo ta’u, kana keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 500 facaafamuun ibsameera.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.