Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisan durfamu Aanaa Ayiraatti biqiltuu dhaabe

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2016 (FBC) – Jilli Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Wallagga Lixaa Aanaa Ayiraatti Biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabeera.

Itti Gaafatamaa Waajira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa dabalatee hooggantoonni mootummaa federaalaa, naannoo, Godinaa fi jiraattonni Aanaa Ayiraa saganticharratti argamuu ibsameera.

Bara kana biqiltuu miiliyoona 327 akka godinichaatyi dhaabbatu keessaa miilyoonni 36 biqituu tajaajila nyaataaf oolu ta’uu dubbataniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Ayiraat Obbo Dirribaa Tarrafaan biqilaa bosonaa miiliyoona15 fi kuma 250 qophaa’uu fi sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu bosonaa miliiyoona 1 ol lafa hektaara 491 irra dhaabuuf qophiin xumuramuu himaniiru.

Uummanni Oromoo duudha kaleessatti deebi’uun hariiroo uumaafi uumama waliin qabu cimsachuun har’a biqiltuu dhaabuufi kan dhaabbates kunuunsuun dhaloota dhufuuf bu’uura kaa’aa jiraachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Dassaalenyi Abarraatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.