Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu Shawaa Kaabaatti Hojiilee Misoomaa daawwate

Finfinnee, Adoolessa 6, 2016 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dabira Libaanositti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwateera.

Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee, Ministira Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofee, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa fi hoggantoonni Mootummaa Federaalaa fi naannoo Oromiyaa biroon daawwannicharratti argamaniiru.

Jilichi hojiilee misooma Beelladaa dawwachuu ibsameera.

Jillichaaf hawaasni fi hoggantoonni godinichaa simannaa taasisuu ragaan Kominikeeshinii Aanaa Dabra Libaanosirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.