Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu Magaalaa Dodolaatti Kilaastara Qamadii Buusaa Gonofaan misoome daawwate

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Magaalaa Dodolaatti Kilaastara Qamadii Buusaa Gonofaan misoome daawwateera.

Jilichi Magaalaa Dodolaa Ganda Careetti Qamadii Kilaasteraan lafa hektaara 52 irratti misoomaa jiru daawwateera.

Oomishni kun kilaastaraan kan faca’e yoo ta’u, teeknoolojii ammayaatiin kunuunfamaa jira jedhame.

Akkasumas jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu kun aanaa Gadab Hasaasaattis Qamadii kilaasteran misoomaa jiru daawwateera.

Akka Aanaa Gadab Hasaasaatti lafti hektaarri kumni 67 ol midhaan akaakuu garagaraan uwwifamee misoomaa jiru keessaa lafti hektaarri kuma 51 ol qamadii ta’uu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Gadab Hasaasaa fi Magaalaa Dodolaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.