Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan  durfamu Godina Boorana Bahaatti Piroojektii Finnaa Burqituu daawwate

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC)-Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Hoggantoota Olaanoo Mootummaan durfamu Godina Boorana Bahaatti piroojektii Finnaa Burqituu daawwataniiru.

Daawwannicharratti Pireezidaanti Shimallis Abdiisa, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeefi qondaaltoonni Mootummaa Fedeeraalaa fi Naannoo biroon argamaniiru.

Godinichatti Pirojektoonni Finnaa afur aanaalee sadii keessatti Birrii biiliyoona 1.2 oliin ijaaramaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Godinichaa Obbo Abdulhaakim Mahaammud himaniiru.
Pirojektoonni Finnaa godinichatti hojjatamaa jiran kunneen wayita xumuraman lafa hektaara kuma 1fi 650 misoomsuu fi Abbaa warraa kuma 3 fi 300 ol fayyadamoo taasisa jedhameera.

Mara’ol Kadirtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.