Fana: At a Speed of Life!

Jilli Paarlaamaa Afrikaa Kibbaa muuxannoo waljijjiirraaf Ityoophiyaa gale

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015(FBC)- Jilli Paarlaamaa Afrikaa Kibbaa Paarlaamaa Ityoophiyaa waliin muuxannoo waljijjiiruuf Ityoophiyaa galuu ibsame.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Ministir Deetaan Waamamaa Mootummaa gargaaraan Piroofeesaraa Mihiratuu Shaankoon jilichaaf simannaa taasisaniiru.

Ityoophiyaafi Afrikaan kibbaa biyyoota hariiroo waggoota dheeraa qaban ta’uu Gargaaraan Piroofeesaraa Mihiratuu Shaanqoon ibsaniiru.

Dhimmoota waloo biyyoota lameenii irratti tumsaan hojjechuuf Ityoophiyaan qophii ta’uus beeksisaniiru.

Ityoophiyaafi Afrikaan Kibbaa damee diinagdeen fayyadamoo akka ta’aniif tumsaan kan hojjetan ta’uu eeruun, muuxannoo waljijjiirraan kun galteen faayidaa qabeessi kan itti argamu ta’uu kaasaniiru.

Paarlaamaa Afrikaa Kibbaatti Ministirri Itti Waamamaa Mootummaa Jams Niiksaamaaloon, simannaa taasifameefiif galateeffachuun kaayyoon waljijjiirraa muuxannoo miseensonni mana maree biyyoota lameenii taasisanii uummata bakka bu’an gahuumsaan akka tajaajilan taasisuuf ta’uu eeraniiru.

Biyyoonni lameen waliin hojjechuu kan danda’an hojiilee heduun jiraachuu eeruun, waljijjiirraan muuxannoo caasaaa mana mareerratti taasifamuun galteen faayidaa qabeessi kan argatamu ta’uu ibsuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.