Jilli Obbo Umar Huseeniin durfamu Aanaa Xiyoo Ganda Kataaratti Oomisha qamadii jallisiin misoome daawwate
Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseeniin durfamu godina Arsii aanaa Xiyoo ganda Kataaratti Oomisha qamadii jallisiin misoome daawwate
Jilichi misooma qamadii heektaara kuma 2 fi 134 irratti jallisiin misoomsaa jiru daawwachuun jajjabeesseera.
Qonnaan bulaan gandichaas hojichaan walqabatee dhimmoota hudhaa isaanitti ta’an gaafachuun furmaanni akka itti laatamuuf gaafataniiru.
Akka aanichaatti hojii misooma qamadii jallisiin lafti heektaara Kuma 5 caalu misomaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Xiyyoo Obbo Tolaa Hajii himuu OBN gabaaseera .
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.