Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Tasfaayee Gashoon durfamu Aanaa Wandootti proojaktota misoomaa adda addaa daawwate

Finfinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC)- Jilli obbo Tasfaayee Gashoon durfamu Aanaa Wandootti proojaktota misoomaa adda addaa daawwate.
Koreewwan Dhaabbii Caffee Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Misooma Qabeenya Namaa obbo Tasfaayee Gashoon durfamu Aanaa Wandootti proojaktota misoomaa adda addaa daawwateera.
Gareen kun, Godina Arsii Lixaa Aanaa Wandootti imaluun, kenniinsa tajaajila haqaa fi bulchiinsa gaarii irratti hawaasa naannoo fi sirreeffamtoota seeraa waliin mari’ateera.
Kana malees, waajjira mana murtii haaraa Aanichatti ijaarame erga daawwatanii booda ciminaa fi hanqina kenniinsa tajaajila haqaa irratti abbootii murtiifi abbootii Alangaa wajjiin mari’ataniiru.
hawaasa naannoo wajjiin mari’achuun dhimma daangaa fi dhaabbileen garagaraa Aanaa Wandootti argaman itti waamamni isaanii Naannoo Oromiyaaf ta’uu osoo qabuu naannoo biroo jalatti bulaa jiran ilaalchisuun gaaffii ummata irraa dhihaateef deebii laataniiru.
Gaaffiin hawaasni naannoo dhimma bulchiisa gaarii wajjiin walqabsiisuun kaase qaama dhimmi ilaallatu biraan gahanii deebii akka argatu kan godhan ta’uu eeruun,gaaffileen sadarkaa Aanaa fi Godinaatti deebii argachuu malan immoo saffisaan deebii akka argataniifkallattii kan kaa’an ta’uu Obbo Tasfaayeen beeksisaniiru.
Gama biraatiinis, sirreeffamtoota seeraa mana sirreessaa bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti argaman daawwataniiru.
Sirreefamtoonni seeraas carraa argatan kanatti fayyadamuun hanqinoonni adda durummaan isaan mudachaa jiru kanneen akka hanqina kitaabaa, meeshaalee yaalaa, hanqinni qulqullina nyaataafi kenniinsi sirna dhiifamaa yeroo yeroon akka ilaallamuuf gaafataniiru.
Koreen dhaabbii Caffee Oromiyaas gaaffilee mirgaa sirreefamtoota irraa dhihaate simachuun kan battalatti deebii argachuu malaniif deebii lachuun, gaaffiilee hanqina hubannoo irraa dhiyaatan kanneen dhiifama akka mirgaatti ilaaluuf kan kana fakkaatan irratti sirreefamtoonni hubannoo akka argatan kan godhan ta’uu dura obbo Tasfaayeen himaniiru.
Walumaa galatti, koreen kun hawaasa Aanaa Shaashamannee fi Aanaa Shaallaa wajjiinis guyyoota itti aananii jiran keessatti kan mari’atan ta’uu odeefanneerra.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya
https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.