Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Shimallis Abdiisaatin duurfamu hojiilee misoomaa godina Shawaa Kaabaa daawwate

Finfinnee, Eebila 29, 2012 (FBC) – Jilli preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatin duurfamu hojiilee misoomaa godina Shawaa Kaabaa daawwate.
 
Jilichi proojaktii bishaan dhugaatii magaalaa Shanoo daawwateera.
 
Proojaktiin kun bara 2010 deeggarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Fandiin Daa’immanii “UNICEF” Birrii miiliyoona dhiba 1 fi miiliyoona 14n hojjetame.
 
Ji’a 2n darbee kaasee hawaasa magaalaa Shanoo fi naannawa sanaa kuma 54f tajaajila laachaa jira jedhameera.
 
Jilichi lafa baddaa aanaalee Jiddaa, Abbichuu fi Qimbibiit yoo sirnaan misoome oomisha gaarii laachuu danda’u daawwateera.
 
Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan kilaastara baadiyyaa Dooktar Girmaa Amanteen mootummaan qonnaan bultoonni naannichaa qabeenya bishaanii jirutti fayyadamanii jallisiidhan garbuu biiraa akka oomishan gochuuf karoorfatera itti adeemaa jira jedhan.
 
Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen dirree bal’a aanaalee kanneenii keessatti midhaan baasuu dideerratti nyaata loonii baayyisuun qabeenya beelladaa bifa amayyaawaa ta’een misoomsuuf karoorri qabamuu himaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.