Fana: At a Speed of Life!

Qonna Magaalaaf Xiyyeeffannoo Kennuun hojjennee imala daandii badhaadhinaa ni mirkaneessina-Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 ( FBC)- Qonna Magaalaaf Xiyyeeffannoo Kennuun hojjennee imala daandii badhaadhinaa ni mirkaneessina jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Magaalaa Bishooftuutti Inisheetiivii hojii qonnaa magaalaa akka Oromiyaatti labsame eegalchiisaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Hojii qonna Magaalaan dhimmoota Afur;Wabii Nyaataa Mirkaneessuu,Ogummaa dagaagsuu, Interpirnarshiippii jajjabeessuufi Tajaajila si’oomsuuf hojjetaa jiraachuu kan eeran Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Inisheetiivii haaraa kanaanis Qonna Magaalaaf Xiyyeeffannoo Kennuun hojjennee imala daandii badhaadhinaa ni mirkaneessina jedhaniiru.

Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Magaalaa Obbo Addisuu Araggaa gamasaaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa Magaalotatti Wabii nyaataa mirkaneessuu, Carraa hojii uumuu, Madda galii dabaluufi nyaata madalawaa oomishachuurratti fuulleffatee hojjetaa jiraachuu ibsuun sagantaan kun qormaata namtolcheefi uumamaa Addunyaafi Biyya keenya mudateef daawwaa ta’uu dubbataniiru.

Jilichi  Hojii Horsiisa lukkuu,Horsiisa Loon Aannanii,Horsiisa Booyyee, Oomisha Dammaa,Qophii Kompoostiifi Qonna Fuduraafi Muduraa Magaalicha keessatti hojjetamaa jiran daawwachuu ragaan Waajjira Pirezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.