Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Shawaa Lixaa aanaa Dandiitti qamadii jallisiin misoomaa jiruu  daawwate

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2014 (FBC) –Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Shawaa Lixaa aanaa Dandii,ganda Jawwee Buriitti oyiruu qamadii jallisiin misoomaa jiruu daawwate.

Qonnaan bultoonni aanicha kanaan dura rooba gannaatiin waggaatti al tokko qofa omishaa turan; amma bishaan naannoo isaanitti argamuutti fayyadamuun waggatti al lamaa fi isaa ol oomishaa akka jiran himaniiru.

Hojii misooma jallisii kanarraa callaa gaarii akka abdatan qonnaan bultoonni kunneen dubbataniiru.

Godina Shawaa Lixaatti hojiin misooma jallisii yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu isaa fi bara kana lafa heektaara kuma  27 fi 596 irraa omisha kuntaala miliyoona 1.2 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu  Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Lixaa, Obbo Tarrafa Araarsaa himuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.