Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Ristuun durfamu Qamadii Jallisii boneen misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Jilli Preezdaantii Naannoo Ummattoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawwun durfamu Godina Guraageetti Qamadii Jallisii Boneen misoomaa jiru daawwateera.
Jillichi hojii misooma sululaa fi Qamadii Jallisii Boneen misoomaa jiru daawwateera.
Godinicha bara kana yeroo jalqabaaf Qamadiin Jallisii Boneen lafa hektaara kuma 1 fi 200 irratti misoomuu fi hirmaannaa ummataan lafa hektaara kuma dhibba 1 irratti ammoo hojiin misooma sululaa hojjetamaa jiraachuu himameera.
Sagantaa daawwannaa kanarratti Preezdaantii naannichaa obbo Ristuu Yirdaaw dabalatee itti aanaan Preezdaantii naannichaa fi hoggantoonni godinaalee fi aanaalee argamuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.