Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamuu Aanaa Wanciitti hojiilee misoomaa daawwate
Finfinnee, Sadaasa 27, 2016 (FBC) – Jilli Hoggannaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamuu Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wanciitti hojiilee misoomaa daawwateera.
Jilichi qophii biqiltuu Ashaaraa magariisaa, misooma dammaa, Bunaa fi kompoostii buufata biqiltuu Wanciitti hojjetamaa jiru daawwataniiru.
Obbo Geetuun hojiiwwan xiyyeeffannoo barbaadanirratti kallattii kaa’uu isaanii ragaan Biiroo Qonna Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.