Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Geetuu Gammachuun durfamu Shawaa kaabaatti oomisha Qamadii Jallisiin misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (FBC) – Jilli Itti aanaa hogganaa Biiroo Qonnaa fi qabeenya Uumamaa obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Yaayyaa Gulalleetti oomisha qamadii jallisiin misomaa jiru daawwateera.
Aanaa Yaayyaa Gullalle dabalatee aanaalee Godina Shawaa Kaabaatti lafa hektaara kuma 11 caalu jallisiin qamadii misomsuuf karorfame hojjatamaa jiraachuu ibsameera.
Oomishinni qamadii aanaa Yaayyaa Gullalle ganda qonnaan bulaa Yaasaa Lammitti lafa hektaara 8 irratti jallisiin misomaa jiru daawwatameera.
Oomishni qamadii jallisiin misomaa jiru kun guddinaa fi badhaadhina biyyyattiin eegalteef agarsiiftu guddaa akka ta’e,obbo Geetuun himaniiru.
Hanga oomishni qamadii misomaa jiru walitti qabamutti mootummaan deeggarsa eegale cimsee itti fufas jedhan.
Jilli kun imala isaa itti fufuun aanaa Dagamittis daawwannaa ni taasiisa jedhame eeggama.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.