Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu godina Shawaa Kaabaatti misooma qamadii bonaa daawwate

Finfinnee, Muddee 25, 2014(FBC)- Jilli Itti aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaatin durfamu godina Shawaa Kaabaatti misooma qamadii bonaa daawwateera.

Bara kana Godinaalee Oromiyaa 21 keessatti lafa hektaara kuma 607 irratti qamadii jallisiif Arfaasaan misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 30.5 argachuuf karoorfameera.

Kanneen keessaa jallisii marsaa jalqabaatiin lafa hektaara kuma 350 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 16.5 argachuuf hojii hojjetamaa jiruun hanga kaleessatti lafa hektaara Kuma 306 qophaa’e keessaa hektaarri kumni 255 faca’uu Obbo Geetuun ibsuun karoora qabame torban lamaan hafanitti milkeessuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Guyyaa har’aas Aanaa Dabirelibaanosii fi Waacaaleetti facaasaa qamadiifi qophii lafaa taasifamaa jirurratti argamuun qonnaan bultoota jajjabeessaniiru.

Akka godinichaatti bara kana lafa hektaara kuma 20 misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafa hektaara kuma 15.5 qopheessuun kana keessaa lafa hektaara kuma 2.5 faca’uu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.