Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Booranaatti Giddu-Gala Horsiisa Loon Sanyii Booranaa Diida Xuyyuuraa daawwate
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Booranaatti Giddu-Gala Horsiisa Loon Sanyii Booranaa Diida Xuyyuuraa daawwateera.
Walhormaata loon sanyii fooyya’aa Booranaa babal’isuuf dhiheessii margaafi bishaaniirratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Obbo Geetuu Gammachuun himaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa sanyii loonii fooyeessuuf mala namaan loon sanyii fooyya’aa diqaalomsuurratti dabalataan sanyii filatamoo loon Booranaa babal’isuuf Giddu-galeessa fooyyessa loon sanyii Booranaatiif baajata guddaa ramaduun hojjechaa jiraachuu Obbo Geetuun himaniiru.
Loon fooyya’aan giddi-galeessicha keessatti argaman haala gaariirra jiraachuu kaasaniiru.
Margaa qopheessuurratti xiyyeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Geetuun himuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.