Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu aanaa Cinaaqsanitti sassaabbii oomisha qamadii daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015 (FBC) – Jilli Itti aanaa Hoggaanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu aanaa Cinaaqsanitti sassaabbii oomisha Qamadii daawwateera.

Jilli kun Omisha Qamadii Godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaqsanitti lafa kuma 4 irratti kilaasteran misoomee Kombaayinaraan sassabbamaa jiru daawwateera.

Obbo Geetuun Horsiisee bultoota aanaa Cinaaqsan hiyyummaa seenaa taasiisuuf hojjechaa jiran galateeffataniiru.

Akka Godina Harargee Bahaatti Qonna Gannaan qamadii lafa hektaara kuma 70 irratti misoomeerraa Callaa kuntaala miiliyoona 2.2 argachuuf hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaa Obbo Geetahun Nigaatuun ibsaniiru.

Aanaa Cinaaqsanittis bara kana lafa hektaara kuma 21 misoomseerraa callaa kuntaala kuma 840 walitti qabuuf sassabamaa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.