Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu Godina Shawaa Bahaatti facaasaa Ruuzii eegalchiise

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC) – Jilli Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaalaatti facaasaa Ruuzii eegalchiise.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa,Godina Shawaa Bahaatti oomishni Ruuzii duraan kan hin beekamne guyyaa har’aa facaasaa eegalchiifneerra jedhan.

Akka Godina Shawaa Bahaatti bara kana Ruuziin lafa hektaara 620 irratti oomishuuf hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Masfin Tashoomaa himuu ragaan Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.