Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Fidaaduu Tasammaan durfamuu oomisha qamadii jallisiin misoomaa jiruu fi horsiisa loon sanyii fooyya’aa aanaale godina Jimmaa daawwate

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Jilli ittti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu oomisha qamadii Jallisiin misoomaa jiruu fi horsiisa loonii sanyii fooyya’oo godina Jimmaa aanaa deedoo daawwateera.

Godinichaatti bara kana lafa heektaara kuma 30 Qamadii Jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jira.

Marsaa duraan lafa heektaara kuma 22 sanyiin uwwisuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 11 fi 700 sanyiin uwwifamuu ibsameera.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa tattaaffiin qamadii biyya alaati galu biyya keessatti oomishuun bakka buusuuf karoorfame milkeessuuf hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uu himuun.

Godina Jimmaatti oomisha misooma aannanii guddisuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jiraachuus himameera.

Jiilli Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaatiin durfamu Godina Jimmaa Aanaa Dedootti kilaastara oomisha Aannanii daawwate.

Aanaa Dedootti loon sanyii fooyya’aa kuma 2 fi 300 bara darbe mala diqaalomsuutn argaman gara kuma 5tti ol guddisuuf hojjatamaa jiraachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Koominiikeeshinnii mootummaa Godinichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.