Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Eliyaas Kadiriin durfamu godina Arsii aanaa Heexoosaatti hojii misooma sululaa fi qabeenya uumama daawwate

Finfinnee, Amajjii  21, 2014 (FBC)- Jilli Biiroo Qonnaa Oromiyaatti hogganaan damee qabeenya Uumaa fi Wabii nyaata Oromiyaa  Obbo Eliyaas Kadiriin durfamu godina Arsii aanaa Heexoosaatti hojii misooma sululaa fi qabeenya uumama daawwateera.

Jilichi hojii misooma sululaa fi qabeenyaa uumama aanaa Heexoosaa ganda Gorii Dabulaatti hojjetamaa jiru daawwateera.

Godinichatti lafti heektarri kumni 249 ol hojii misooma sulaalaan daangeffamuu ibsameera.

Akka godina Arsiitti hojii misooma sululaa 400 ol jiraattoota godinichaa namoota kuma 700 oliin hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti hojiin misooma sululaa fi qabenyaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Eliyaas himaniiru.

Jiraattoonni godinichas hojii misooma sulula waggattan darban turan irras jijjiramni haala qilleensa umamu himaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.