Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Dhaabaa Dabaleetin durfamuu aanaa Ginda Barat Gandatti hojiin misooma sululaa hojjetamaa jiru daawwate

Finfinnee, Amajjii 29, 2013 (FBC)- Jilli hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleetin durfamuu aanaa Ginda Barat ganda Coommee Mana Ergaatti hojiin misooma sululaa hojjetamaa jiru daawwateera.
Jiraattonni gandichaa hojii misooma sululaa hojjechuu erga jalqabanii omishaa fi omishtummaan isaanii dabalaa akka dhufe ibsaniiru.
Obbo Dhaabaa Dabalee hojiin misooma sululaa ammaa hojjetamaa jiru dhaloota dhufuuf bu’uura kaa’uu akka ta’e ibsaniiru.
Jiraattonni aanichaa hojii misooma sululaa hojjechaa jiran cimsanii itti fufuu akka qabaniis dhaamaniiru.
Aanaa Gindabaratitti bara kana lafa hektaara 15,000 ta’u misoomsuumsuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.