Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Dammaqaan durfamu Keeniyaa Naayiroobii gale

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC) – Jilli itti aanaa Mummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaan Makkonniin durfamu Keeniyaa Naayiroobii galeera.
Haala yeroo ammaa Ityoophiyaa biyyoota Baha Afrikaatti hubachiisuuf jilli kun naannichatti daawwannaa gaggeessuu eegaleera.
Jilli kun garee finxaaleyyii ABUT seeraatti dhiyeessuuf hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamaa jiru ilaalchisee ejjennoo mootummaa irratti ibsa laachuuf daawwannaa gaggeessaa jira.
Ejjennoo mootummaan seera alummaa dhabamsiisuun biyyattiitti nagaa buusuuf hojjetaa jiru ilaalchisee ibsi taasiifameera.
Biyyoonn kunneen ejjennoo kana hubachuun hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf mootummaan hojjetaa jiru akka deeggaran ergaa dabarsuuf jilli daawwannaarra jiru Preezdaantii Keenyiyaa Uhuuruu Keeniyaataa waliin kan mari’atu ta’uu ragaan Keeniyaatti Imbaasii Ityoophiyaa argame ni agarsiisa.
Jilli obbo Dammaaqaan durdamu kun har’a Preezdaantii Ugaandaa Yuuwerii Museeviinii waliin mari’achuun isaa kan yaadatamuudha.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.