Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Dammaqaa Mokonniniin Durfamu Preezdaantii Riippabliika Demookraatawaa Koongoo waliin Mari’ate

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC)- Jilli Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniniin durfamu Preezdaantii Riippabliika Demookraatawaa Koongoo Feeliiksi Shiisheekeedii waliin mari’ateera.

Jilichi haala waqtaawaa biyyatti ilaalchisuun Preezdaantichaaf ibsa laateera.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniniin guyyoota lamaan darban daawwannaa Keeniyaa, Ruwaandaa fi Yuugaandaatti taasisaniin, hoggantoota biyyoota waliin marii’achuun, duula mootummaa olaantummaa seeraa kabachiisu garee ABUT irratti fudhachu jiru irratti ibsa laataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.