Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu magaalaa Naqamteetti Pirojektoota garaagaraa eebbisisa jira

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC)-Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu magaalaa Naqamteetti pirojektoota garaagaraa eebbisisaa jiraachuun ibsame.

Obbo Awwaluun saganticharratti haasawaa taasisaaniin, Injifannoon Ummata Oromoo sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenyerra ga’eera jedhan.

Injifannoo siyaasaa ummanni Oromoo aarsaa qaaliin argate dinagdeen tumsuuf mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachus kaasaniiru.

Pirojektoonni fayyadamummaa uummataa mirkaneessan dinagdee Oromoo guddisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himuu ragaan Biiroo kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.