Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu gurmaa’insa Caasaa gandaa fi hojiilee misooma Aanaalee Godina Qellem Wallaggaa daawwate

Finfinnee, Fulbaana 25, 2017 (FBC) –Jilli Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu gurmaa’insa haaraa caasaa gandaa fi hojiilee misooma Aanaalee Godina Qellem Wallaggaa daawwateera.

Jilichi hojiilee misoomaa fi caasaalee gurmaa’insa Aanaalee Hawwaa Galaan, Sadii Canqaa fi Daallee Sadiitti oomishaalee qonnaa fi kenniinsa tajaajila sadarkaa gandaa daawwachuun ibsameera.

Godinichatti tarsiimoon misooma qonnaa hojiirra oola jiru galmoota qonnaa milkeessaa jiraachuu Obbo Awwaluun himaniiru.

Tajaajilli gurmaa’iinsa sadarkaa gandaa qabatamaan hojiitti jijjiramaa jiraachuu himanii, kunis ce’umsa diinagdeefi siyaasaa biyyichaaf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Bulchaan Godina Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa gamasaaniin, Godinichatti qonna gannaan lafa hektaara kuma 300 fi 67 misoomsun callaa kuntaala miiliyoona 11.9 argachuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

oomishni ruuzii lafa hektaara kuma 155 ta’uu ibsuun, calla kuntaalli miliyoona 5.9 argaachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan kominikeeshinii Godina Qellem Wallaggaarra argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.