Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Ashaadilii Hasaniin durfamu hojiilee misoomma maaddii guutuu daawwate

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC) –Jilli Pireezidaantii naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasaniin durfamu hojiilee misoomma maaddii guutuu naannichatti hojjetamaa jiran daawwateera.

Ministira Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoolee daawwannicharratti argamuu ibsameera.

Hojiilee sagantaa maaddii guutuun Misooma Horsiisa Lukkuu fi Fooniirratti aanaa Abuuraamootti hojjetame daawwataniiru.

Dabalataan jilichi qamadii Kilaasteraan misoomaa jiru daawwachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.