Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Ahimad Shiideen durfamu hundeessaa fi gargaaraa dura taa’aa Faawundeeshinii Biili fi Meeliindaa Geetis waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 16, 2014 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen durfamu hundeessaa fi gargaaraa dura taa’aa Faawundeeshinii Biili fi Meeliindaa Geetis waliin mari’ateera.

Deeggarsa Faawundeeshinichi Dameewwan Fayyaa, Qonnaa fi Diijitaalan Ityoophiyaatti taasiisaa jirurratti mari’ataniiru.

Jilli walga’ii waggaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaarratti hirmaachaa jiru kun waltajjicha cinaatti qaamolee garaagaraa waliin dhimmoota hariiroo diinagdee waloorratti marii taasiisaa jira jedhame.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dassee fi Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi jila kan waliin gara sana imaluun kan yaadatamuudha.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.