Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Ahimad Shideen Hoggantoota Dhaabbilee Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC)- Jilli Ministira Ministeera Maallaqa Obbo Ahimad Shideen durfamu Chaayinaatti Hoggantoota Dhaabbilee Idil Addunyaa biyyattii waliin mari’ataniiru.

Haaluma kanaan Hoggantoota Bankii Daldalaa fi Indaastirii Idil Addunyaa, Baankii Misoomaa, Baankii Igziimii fi Dhaabbata Kominikeeshinii fi Konistiraakshinii Chaayinaa (CCCC) waliin mari’achuun ibsameera.

Mariin isaaniis Hariiroo gamlamee Itiyoophiyaa fi Chaayinaa cimsuuf dameewwan walta’iinsa diinagdee irratti kan xiyyeeffate ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Jilli Itiyoophiyaa Obbo Ahimad Shideen durfamu Chaayinaatti daawwannaa hojii taasisaa jiraachuun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.