Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Ahimad Shideen durfamu Hoggantoota Baanki Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2017 (FBC)- Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen durfamu Pireezidaantii Itti Aantota Baankii Addunyaa waliin mari’atan.

Yaa’ii Waggaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa irratti hirmaachaa kan jiru jillichi Baankii Addunyaatti Pireezidaantii Itti Aanaa Naannawaa Afrikaa Kibbaa fi Bahaa, Viktooriyaa Akihiikii Nishiyoo waliin mari’ateera.

Marii isaaniinis gamlameen waa’ee fooyyessii diinagdee gooroo Itiyoophiyaan taasiftee akkasumas sadarkaa pirojektoota Itiyoophiyaatti gaggaffeemaa jiraniirratti mar’ataniiru.

Obbo Ahimad Shideen riifoormiiwwan hawaasa harka qalleeyyiiirratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiran galmaan ga’uuf Baankii Addunyaarraa deeggarsa waaraa akka barbaachisuu ibsan.

Viktooriyaa Akihiikii Nishiyoo gama isaaniin, diinagdee tasgabbeessuuf Itiyoophiyaatti fooyyessii hammattoo imaammataa fi kutannoo hoggansaa siyaasaa dinqisiifataniiru.

Baankiin Addunyaas diinagdee lammiilee hundaa fayyadamaa taasisuu fi hirmaachisaa ijaaruuf tattaaffii taasisaa jirtu kan deeggaran ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.