Jilli obbo Aganyahu Tashaagariin durfamu qophii kabaja guyyaa sabaafi sablammootaa daawwachuuf magaalaa Hawaasaa gale
Finfinnee, Sadaasa 15, 2015(FBC)- Jilli Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagariin durfamu qophii kabaja guyyaa Ayyaana sabaafi sablammootaa 17ffaa daawwachuuf magaalaa Hawaasaa gale.
Jilichi iddoowwan hirmaattonni ayyaanichaa buufataniifi daawwatan kan daawwatu ta’uu Daayrekatarri Kominikeeshinii mana marichaa obbo Tarrafaa Badhaadhaan ibsaniiru.
Jilichi sadarkaa hojiilee misoomaa guyyaa kabaja ayyaanichaan walqabatan irra jiran kan daawwatuufi warreen hojiin isaanii hafu saffisaan akka xumuramaniif qajeelfama kan laatu ta’uu dubbataniiru.
Kabaja ayyaanichaaf hojiileen hanga ammaatti hojjetaman sadarkaa gaariirra jiraachuusaa jilichi daawwachuu eeraniiru.
Ayyaanichi karaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf qaamolee nageenyaa federaalaa, Oromiyaa, Sidaamaafi naannoo Uummattoota Kibbaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Kaayyoon guddaan ayyaana Sabaafi Sablammootaa bara kanaa hojiilee misoomaa, tokkummaafi walitti hidhamiinsa uummattootaa, eenyummaa sabaafi sablammootaa akkasumas iddoowwan argama tuurizimii beeksisuu ta’uu addeessaniiru.
Guyyaan Ayyaana Sabaafi Sablammootaa 17ffaan Sadaasa 29,2015 naannoo Sidaamaa Magaalaa Hawaasaatti ni kabajama.
Biqilaa Tufaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.