Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Addisuu Araggaan durfamu Godina Gujii Lixaatti Warshaa Guddattuu Agroo Indaastirii daawwate

Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC)- Jilli Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa

Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC)- Jilli Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan durfamu Godina Gujii Lixaa Aanaa Abbaayaatti Warshaa Guddattuu Agroo Indaastirii daawwateera.

Warshichi baasii Birrii miiliyoona 20n ijaaramaa jira jedhameera.

Abbaan qabeenyaa Warshaa Guddattuu Agroo Indaastirii obbo Mahaammad Awwal, ijaarsi warshicha yeroo baatii lama hin caalle keessatti % 90 irra ga’uu himaniiru.

Warshichi ijaarsi isaa yeroo xummurame, daakuu makoronii fi buskutaa kan oomishu ta’as jedhan obbo Mohammad Awwal.

Warshichi hanga ammaatti namoota 50f carraa hojii kan uume yoo ta’u, wayita xummuramu namoota 150 oliif carraa hojii uuma jedhameera.

Dabalataanis Jilichi  hojiilee Misooma bunaan Godina Gujii lixaatti hojjetaman daawwateera.

Obbo Addisuun Mootummaan naannoo Oromiyaa misooma bunaaf xiyyeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinichatti bara kana hanga ammaatti hojii hojjetameen biqiltuun bunaa miliyoonni 26 ol dhaabbachuu obbo Addisuun fuula Feesbuukii isaaniitin ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.