Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Adam Faraahiin durfamuu Magaalaa Shaangaayitti dhaabbilee garaagaraa daawwate

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC)-Jilli Pireezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faraahiin Durfamu Chaayinaa Magaalaa Shaangaayitti dhaabbilee garaagaraa daawwateera.

Jilichi magaalattiitti buufata to’anoo fi deebisanii itti fayyadamuu balfa goggogaa, akkasumaas Giddugala Pilaanii fi Dizaayinii Magaalaa daawwaataniiru.

Dabalataanis Inistitiyuutii Artifiishal Intalajansii fi Teeknoolojii Huwaawwee kan magaalattiitti argamu daawwataniiru.

Daawwannichis daandilee guddinaa, adeemsaa hojiirraa oolmaa pilaanii Magaalotaa Chaayinaarratti muuxannoo waljijjiiruuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Jilli Itiyoophiyaas itti gaafatamtoota dhaabbilee Magaalattiitti argaman waliin marii muuxannoo waljijjiirraa taasisuu ragaan Beejiingitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Hirmaattoonni daawwannichaas muuxannoo Itiyoophiyaatti hojiirraa olchuuf dandeessisu qooddachuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.