Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Adam Faaraahiin durfamu magaalaa Bahirdaariitti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin durfamu magaalaa Bahirdaariitti hojiilee misoomaa daawwateera.

Jilichi hojiilee misoomaa baajata mootummaan hojjetaman daawwateera.

Hojiileen hojjetaman Magaalattii caalmaatti iddoo ga’umsa Turistii taasiisuuf qooda olaanaa qabaachuu Obbo Adam Faaraahiin eeraniiru.

Hoggansi sadarkaan jiru hawaasa qindeessuun saffisaan gara misoomaatti deebi’uu qabu jedhan.

Humnoonni gochaa badiirratti bobba’an of qusachuu akka qaban Obbo Adam Faaraahiin hubachiisaniiru.

Finxaaleyyiin naannicha keessa socho’u mootummaa humnaan fonqolchuuf tattaaffii taasiisaa turuu eeraniiru.

Naannichatti yeroo ammaa nagaan bu’uu dubbataniiru.

Mootummaan hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu eegale cimsee kan itti fufu ta’uu himuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.