Jilli obbo Abarraa Warquun durfamu haala facaasaa qamadii Aanaalee Mayyuu Mulluqqee fi Qumbii daawwate
Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Jilli hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquun durfamu haala facaasaan qamadii Aanaalee Mayyuu Mulluqqee fi Qumbii daawwateera.
Aanaaleen Mayyuu Mulluqqee fi Qumbiim qamadii jallisiin keessatti oomishuuf karoorfaman keessa adda durummaan eeramu.
Akka Godina Harargee Bahaatti karoora qamadii jallisiin facaasuuf qabame caalaa raawwachuu hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaa Obbo Geetaahun Nigaatuu ibsaniiru.
Bulchaan Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahammad, erga qamadii jallisiin oomishuun jalqabame, jireenyi horsiisee bultootaa fooyyaa’aa jiraachuu himaniiru.
Gara fuula duraatti jireenya qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota Harargee Bahaa jijjiiruuf ciminaan ni hojjanna jedhan.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Worquu, sochiin horsiisee bultoonni Harargee Bahaa jiruufi jireenya isaanii jijiiruuf taasisaa jiran abdachiisaa ta’uu ibsuu OBN gabaaseera.
Rakkoo dhiheessii fi loojistiksi jiru furuuf hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.
Horsiisee bultoonni Aanaalee Qumbii fi Mayyuu Mulluqqee hiyyummaa seenaa gochuuf Ityoophiyaa kadhaa jalaa baasuuf halkanii fi guyyaa carraaquu jiraachuu ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.